Bara 1928 fi 1948, fakkeenyaaf, ummatni Oromoo Raayyaa fi Aseeboo hacuuccaa mootummaa Haayilesillaaseen murmuun lola godhaniin loltuu sirnichaa injifachuun naannoo isaanii bilisoomfatanii turan. Booda garuu, Haayilesillaaseen, gargaarsa humna qilleensaa Ingilizii, yeroo san Eden keessa turetti gargaaramee humna isaanii cabsuun lafa bilisoomee ture guutummaatti deebisee gabroonfate.
Bara 1936 Oromoon Oromiyaa Lixaa, wal-ta’anii konfedereshana ijaarrachuun mootummaa Habashaa jalaa walaba ta’anii jiraachuuf, karaa mootummaa Ingilizii waldaa mootummoota addunyaatti iyyannoo galfatanii turan. Bara 1941-42 Oromoonni naannoo Oromiyaa gidduu, fi Oromiyaa Bahaa gabrummaa Habashaa jalaa walaba ta’anii jiraachuuf iyyata mootummaa Ingilizii bara sana biyyattii bulchuuf aangoo qabutti iyyatanii turan.
Bara 1946 Oromoonni naannoo Carcar, Dirree Waleensuu bakka jedhamutti lola waraana Hayilasillaasee irratti bananiin nafxanyoota hedduu fixanii waggaa lamaaf bilisummaan jiraatan. Waggaa lama booda, waraanni Habashaa meeshaa baraatiin loluun humna ummata kanaa cabse. Hoogganoota waraana yeroo sanaa kan har’a galmeen seenaa faarsaa jiru, keessaa kan akka Mummad Jiloo fi Mummaad Jawwee fakkeenya ta’uu danda’u. Bara 1963, ummanni Oromo Oromiyaa kibba lixaa mootummaa Haayilessillaasee irratti fincilanii, lola godhaniin, yeroo muraasaaf ummata naannoo sanaa mootummaa Habashaa jalaa bilisoomsanii turan. Humna kana rukutuuf humni Ingilizii, Isiraa’el fi humni qilleensaa Ameerikaa badii guddaa ummata Oromoo irraan gahee ture.
Barri 1964, bara Waldaan Maccaa fi Tuulamaa itti dhalate ture. Waldaan kun waldaa misoomaa fi wal-gargaarsaa Oromoo haa jedhamu malee, ummanni Oromoo eenyummaa isaa akka baruu fi eeggatu gochuun, qabsoon wal-harcaasaan bakka bakkaa akka wal-qabatu fi ummata kutaa adda addaa walitti fiduun gaafiin bilisummaa Oromoo bifa qindaawaan akka geggeeffamu gochuuf guddaa gargaare. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa waggaa lama keessatti miseensota miliyoona lamaa oli horatee ture. Sababa kanaan, mootummaa yeroo sanaatiin, Waldaan kun bara 1967tti, akka hin sossoone seeraan dhorkamee, hooggantooti isaa 19 immoo hidhaman. Isaan keessaa 4 mana hidhaa turanii bara 1975 mootummaa fashisittii Dargiin ajjeefaman.
Bara 1963/4 Waldaa “Afran Qalloo” jedhamutu Oromiyaa Bahaa, Dirree Dawaatti dhalate, Akeekni waldaa kanaa Afaan fi Aadaa Oromoo kan qarqara badiisaa gahe tiksuu fi dhaloota dhufutti dabarsuu ture. Kana irratti dabalee, Ummatni Oromoo, keessattuu dardarrii fi shamarran karaa wallistootaa akka wal-baran gargaaree ture. Waldaan kun, waldaa Maccaa fi Tuulamaa waliinis quba wal-qaba ture.
Diddaa fi falmaa dheeraa ummati Oromoo gaggeessaa ture kunneen keessaa kan dhalate, ABOs bara 1970moota keessaa eegalee qabsoo siyaasaa fi hidhannoo finiinsuutti argama.
Mana barnootaa kutaa duraa, Harrojjii Hagamsaatti jalqabee, Aqaaqii Advetist Missionitti, bara 1964 tti raawwate. Barnoota isaa kutaa ol’aanaas, Aqaaqiidhaa fi Kuyyeeraa Advetist Seveth day Mission High School ti raawatee, bara 1968 eebifame.
Mana barnoota kutaa ol’aanaa erga raawwatee booda, obbo Taayyeen ministeera community development keessaat social worker ta’e hojjetaa ture. Akkasumaas Hospitaala Zawudituu, John Hanson fi Coesfeld pharmaceautical company keessa hojjeteera. Hojiidhuma issa kana waliin mana barnoota galgalaa Haile Selasse University seenudhaan bara1970 diploma social work tiin ebifame.
Obbo Taayyeen yeroodhuma mana barnoota ol’aanaa ture sana cunqursaa mootummaan abisiniyaa Ummata Oromorraan ga’aa jirurratti dammaquudhaan bara 1968 dhaba Maccaa fi Tuulamaa keessatti miseensa ta’e. Yeroodhuma sanas sochii barattoota Haile Selassee university baalallee (leaflets) mormii sirna abba lafaa fi imperial monarchy maxxansuu fi facaasuu irratti gargaaraa ture. Kunis kufaatii Haile Selasetii fi dhidhima sirnasaatiif kan qooda buusan keessaa tokko. Qabsoonsaa kunis akka inni basaastota (security)habashaatiin qabamee akka hidhamu isa godheera.
Bara 1971 akkuma mana hidhaatii baheen biyyaa baqatee guyyaa saddet milaan deemee Sudaaniin erga ga’ee booda hanga bara 1972 akka baqataatti achi jiraate. Yeroodhuma kana keessa university Khartoumiin seenee ture. Bara 1972 Pan African Movement university Khartoumitti miseensa ta’e. Akkuma kanaan duraa qabsaawaa ta’uun isaa mootummaa Sudaani itti kaase. Haalli kun waan hammachaa adeemeef Sudaaniin dhiisee kooluu gafachuuf gara Bulgaria deeme.
Dirree Xiyyaraa magaalaa Sofia hugguu inni ga’u securitiin meeshaa isaa barruqaba(document) hunda waliin irra fudhatanii, mootummaan Bulgaria fira mootummaa Ethiopia kanta’ee kooluu galchuu didee karaa Kairo dirqiin(deport) Sudanitti deebiseen. Sudaaniniis gara Kairoti deebise, mootumaan Egypt ammoo halkanuuma sana gara Syriatti darbateen.Mootummaan Syrias gara Sweden (Stockolmitti) dabarseen achiis gara Berlin Bahatti ergame. Borumtasa halkaniin Barlin lixxaa buusan. Namni gara Diakonie Morgenlandische Missioniitti geesseenii achiitti baka bultiif waan nyaataa argachuudhaf mana qulquleesaa ture. Yeruma kana keessa kooluu gaafatee bara 1973 akka baqataatti fudhatame.
Afaan Germanii erga baratee booda bara 1973-1974 Krone and Albrecht KG keessa hojjete. Bara 1975 American university of Maryland Berlin keessatti criminology barate.Baruma sanaa keessa aadde Atster Gammadaa wajjin wal fuudhan. Abbaa manaaf haadha manaa hedduu wal jaalatan irra darbee qabsoo Oromoo kan bilisummaa keessatti garee jabaa ta’an. Wali wajjiniis intala durbaa Waajetii dhaafii ilma isaanii Abbichuu godhatan.
Obbo Taayyeen baqataa ta’ee Berliniin guyyaa seenee jalqabee utuu of hin qusatin walqixxummaa, haqa dhala namaa fi mirga sabasaatiif (Oromoof) hojjetaa ture. Waan kanasbakkaan gahudhaaf kutanoodhan jireenya isaa kenne.
Obbo Taayyeen karaa namoota beekuu fi firoota isaa warra mediyaa, ijaarsolii(Partiilee)) politika keessa jiranii fi political activistii biyya German keessumaayyuu warra MagaalaaBerlin jiraniin waa’ee qabsoo bilisummaa Oromoo akka addunyaan beektu warra taasisan keessaa tokko ture. Waldootii amantii fi garee politikaa wajjin hojjechuudhaan haalli baqataa Oromoo akka hubannoo argatu tasiise.
Bara 1974-1976 Obbo Taayyeen hammina mootummaa abbaa irree dergii Ethiopia saaxil baasuudhaaf sochii barattoota Ethiopia waliin hojjechaa ture. Bara 1977 keessa warra Tokkummaa Barattoota Oromoo Awurooppaa(TBOA) dhaaban keessaa obbo Taayyeen tokko ture. Akka miseensa TBOAttis adda bilissummaa Oromoo kan mootuumma dargii lolaa ture, deggeeraa fi waliin hojjechaa turan. Kana malees ammoo yeroo jalqabaatiif warra pan African movement dhaaban keessa ture.
Bara 1978 obbo Taayyeen namoota akka aadde Briggitte, Axel Klapoth, Dr. Thomas Zittelmann fi frotasaa Germaniif Oromoo ta’an waliin “Oromo Human rights organization” dhaban. Bara 1979 waldaan gargaarsa Oromoo (ORA) Khartoum/Sudaan keessatti yeroo dhaabate deggeeraas waliin hojjechaas ture.
Obbo Taayyeen namoota haccuuccaa mootuummaa Ethiopia fi biyyoota kara baha Awurooppaa jala baqatan gargaaraa ture. Hojiisaa kana irraan kan ka’e mootummaa Ethiopia irratti, sodaa guddaa waan uumeef, bitootessa 21 bara 1982 obbo Taayyee fi Rev. Dr. Gunnar Hasselblatt, nama mirga saba Oromoof keessumaayyuu baqattootaaf falmaa, warra haqa dhala namaa irra ejjetan dura dhaabacha ture, ajjeesuuf motuummaan sun bliqistoota (assassination commando) magaalaa Berliniitti itti erge.
Bilqisitooti kun kara Berlin bahaa seenanii baka awutobusiin dhaabatu, mana obbo Taayyeefaa bira shugguxii sagalee hin qabne hidhatanii eegan. Battala sanatti obbo Taayyee, warra manaa isaa fi ijoollee isaa lamaan ta’anii hugguu dhufan, bilqisituun isatti dhukaasuuf ajajamee ofiis abba ijoolee waan ta’eef, ijoollee obbo Taayyee argee yaada jijjirrate.Borumtaasaas embassiin Ethiopia gara Berliner Missionswerk lafa waajjiri obbo Taayyee jirutti boombii erguudhaan ajjeesisuu murteese. Bilqisitoot lamaan bombiisaanii hotela Damus jedhamu keessati qophefatanii adeemuuf uggaa jedhan bombiin harka lafa dhoftee dhuka’uudhaan isa tokko ajjeeste. Inni lammaffaan guddoo madaa’ee ijji jaamee, naafatee lubbun kan hafee bara 1992 televisionii Ethiopia irratti ergama(mission) isaanii sana guutumaatti himee ture.
Kunis kan agarsiisuu Berlner Missionswerk fi Barreessaan isa kan gaafaa Afrika Dr. Hasselblatt, mootummaa dargiitiin hammam akka sodaatamaa fi jibbamaa tureedha.
Akkasumas obbo Taayyeen tajaajila(service) Baqattootaaf hedduu barbaachisaa ta’an kennuudhaaf Nomoota akka Dr. Gunnar Hasselblatt, Mr. Peter Niggli, Mr. Manfred Voegele, Mr. Fredrich Grün, Frau Fraucke Hoyer, Mr. Tom fi Ms. Ritta Venste, Rev. Gerd Decke, Dr. Rheinhard Kees fi Ms. John (itti gaafatamtuu waayee nama alagaa waliin hojjechaa ture. Warra African council Berlin keessatti ijaaran keessa tokko ta’uudhan obbo Taayyeen namoota alaa(migrants) magaalaa Berlin jiran giddutti waldhagetti uumuudhaaf koree migrants(Migrationsrat), koree baqattootaa(Flüchtlingsrat) waliin hojjecha ture. Ijaarsaa barattootaa Technische Universität, Freie Universität fi akka miseensaattis wara Socialdemocratic party(SPD) waliin hojjecha ture. Warra isa gargaaranii fi jajjabesanii hojiisaa kan akka inni fiixaan baasuu taasisan yeeroo hundumaa galata galchaaf ture.
Gargaarsa mootummaa Magaalaa Berlin(Senate) fi Berliner Missionswerkiitiin Oromoo Horn of Afrika center Berlin keesaat dhaabe. Waltajjiin kunis wagga 20 oliif bakka itti baqattootni da’oo fi gorsa argatan ta’e. Bara 1989 mana bunaa Olyaanaa Oromo Cafe jedhamu Ali Ahmed ( Ali Olyaanaa ) irra fudhee baka namoonii biyyaa adda addaa itti wal argan gegeessaa tureera.
Bara 1990 yeroo jibbi nama alaa irratti bayyachaa adeeme, obbo Taayyeen racismii fi miidhaan mormuudhaaf murteefate. Bara 1995 kaasee, Ijoollee xixiqqoo mana barnootaa jiran, irra deemee sababa namootni biyyaa baqatanii as galaniif, jibbaa fi miidhaa isaan irra gahu barsiisaa turee. Bara 1998 jalqabee, mana barnoota police keessati kana irrati hojjetaa ture.
SocialVibe