Mallas Zeenaawwii waltajjii wabii nyaata addunyaa irratti salphifame!

Leave a comment

(Oromedia, Caamsaa 20,2012) Walgahii dureesota Saddetii irratti afeeramee kan argame Mallas Zeenaawwii otuu dhimma wabii nyaataa himaa jiruu mormiin isa mudateen salphate; .

Sagantaa dhimma wabii nyaataa qophaa’ee jiru irratti oduu gabaasuuf kan hirmaate Abbaba Galaaw otuu Mallas dubbachaa jiruu ka’ee sagalee isaa ol fuudhuun “Malla Abbaa Irree ti! Mallas Sanyii dhala namaa irratti yakka hojjataa jira!” jechuun qalbii hirmaattotaa hawwate.

Yeroo kanatti waan ta’en kan rifate Mallas, rifannaa isaa dhofkachuuf sagalee isaa olkaasee dubbachuuf yaalii godhus, sagaleen Gaazexeessaa Abbaba Galaaw caalchisuu waan hin dandeenyeef dubbii isaa addaan kutee, boquu isaa cabsee usuuf dirqameera.

Haga humnooti tikaa gaazexeessicha qabanii baasanitti, sagalee isaa olkaasee gochaa hammeenyaa mootumma Mallas Zeenaawwiin raawwatamaa jiru kan tarreesse Abbabaa Galaaw, erga qabamee bahee booda eenyummaa isaa gaafachuun ala miidhaan irra gahe akka hin turre TV Isaat jedhamu irratti ibsee jira.

Namni waardiyaa Mallas ta’e tokko garuu akka isatti dhaadate dubbatee jira.

Kana malees, hawaasti Ameerikaa keessa jiru mormii fi balaaleffannaa guddaa Mallas irratti bahee akka jiru odeessi achi irraa nu gahe hubachiisee jira.

Hawaasti Oromoos hawaasa addaddaa waliin ta’ee mormii fi balaaleffannaa guddaa adeemsisaa akka jiru oduu fi odeeffannoon karaa marsalee hawaasqunnamtii tamsaasamaa jiru hubachiisee jira.

Mootummaa Lammii Hiraarsu Deeggaruun Seexaa Namummaa Dhabuudha!

Leave a comment

(Oromedia, Caamsaa 20,2012) Mootumman Itoophiyaa mootummaa nagaa fi tasgabbii fiduu dadhabe waan ta’eef deeggarsi kennamuuf irraa dhaabbachuu akka qabu Waldaan Hawaasa Oromoo Melboune Kibba Bahaa gaafate.

Waldaan kun xalayaa Iyyaannoo Caamsaa 15, bara 2012 Hayyuduree mootummoota gamtoomanii Baankii Moonii fi mootumma Ameerikaa, fi jaarmiyoota mirga dhala namoomaaf falmaniif erge keessatti akka hubachiisetti, mootummaan Mallasa Zeenaawwii ummata baroota hedduuf nagaa fi jaalalaan waliin jiraataa jiru walitti diruun akka biyyi yaaddoo fi sodaa keessa galu godhaa jira.

Keessaayyuu, gaaffi ummata Oromoo ukkaamsuuf shira addaddaa tolchee ummata Oromoo humna jilbeeffachiisuu fi hakra kennachiisuuf yakka sanyii balleessaa Oromoo irratti raawwataa akka jiru kan ibse xalayaan Waldaa Hawaasa Oromoo kun, mootummaa lammii isaaf hin yaadneef deeggarsi godhamu fudhatama hin qabu. Kanneen deeggarsa kennanis, kanneen seexaa namummaa  hin qabnee dha.

Kanaaf, qaamoti mirga dhala namoomaaf falman mootummaan Itoophiyaa sababa amantii, ilaalchaa fi gaaffii mirgaatiin cunuqrsaa ummta irraan gahu akka dhaabuuf dhiibbaa barbaachisu akka fudhatu SERMOCAVAn gaafatee jira.

Urgent Action

Guyyaan Gootota Oromoo Mallattoo Oromummaa ti!

Leave a comment

(Oromedia, Perth, 13 Caamsaa 2012)Ayyaana guyyaa gootota Oromoo Australia, konya perth keessatti sirnaa haalaan hoo’aadhaan kabajamuun gabaasame.

Oduun achi irraa nu gahe akka hubachiisetti, sabboontotnni Oromoo Australia Konyaa Perth keessa jiraatan  gaafa 29/05/2012 walitti dhuffuun gootota Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha lubbuu isaanii qaalii wareegan yaadatanii jiru.

Sirna kabaja ayyaanaa eebba jaarsoliin baname kana irratti gootota kufaniif yaadannoon daqiiqaa lamaa godhamee jira.

Itti aansuun walaloon gootota faarsu kan dhiyaate yoo ta’u, seenaan kabaja ayyaana gootota Oromoo ilaalchisuun itti gaafatamaan damee jaarmiyaa ABO konyaa Perth, Jaal Dheeressaan Olii, guyyaan goototaa maaliif akka kabajamu ibsanii jiru

Jaal Dheeressaan seenaa gara boodaatti deebi’uun akka yaadachiisanitti, sirna Minilik irraa eegalee haga Hayilesilaaseetti,dhiibbaan guddaa ummata Oromoo duufummaa keessatti hambisuu raawwatamaa ture.

“Muummichi Ministeera sirna Hayilasillaasee Akliiluu Habtewaldi, yaada Janaraala Taaddasaa Birruuf ibse keessatti  ‘yaada barumsa babal’isu qabachuun kee gaaridha; garuu waan Oromoo irratti of eeggadhu. Nuti waggaa dhibba tokko boodatti hambifne bulchuu barbaanna,’jechuun isaa ejjannaa Habashooti Oromoof qaban kan saaxile dha,” kan jedhe J/Dheeressaan, sabni Oromoo dirqiin malee, tole jedhe sirna Habashaatti akka hin bulle illee hubachiisan.

Bara 1966 keessas karaa nagaan rakkina siyaasaa biyyattii hiikuuf fedhii fi tattaaffiin godhamaa ture sirna abbaa irree Dargiin waan gufateef, ummati Oromoo qabsoo hidhannootti seenuun illee sirna kana irratti ibsamee jira.

Gaaffii Oromoof deebii argamsiisuuf qabsoo hidhannoo eegalame keessatti lubbuun beektota Oromoo hedduu waan wareegameef, “gootota Oromoo sirni Habashaa buqqisuuf jecha wareegaman yaadachuun barbaachise,” jedhame.

Qabsoo bilisummaa Oromoo babal’isuuf sochiilee godhaman keessatti goototni

hedduun wareegamuun sirna kan irratti kan ibsame yoo ta’u, keessattuu “bara 1980 keessaa qabsaahonni Oromoo hoggana dhaabaa olaanaa ta’an otuu qabsoo babal’isuuf imalanii diina harka bu’anii wareegamuu fi addaa bahuu didanii bakka tokkotti awwaalamuun mallattoo tokkummaa Oromoo waan mirkaneessaniif guyyaan kun akka isaan yaadatuuf moggaafame,” jedhame.

Yeroo san keessattis, “otoo amantiin adda hin bahiin ‘nuti saba tokko kaayyoon keenyas tokko,’ jechuun qabsoo duwwaa otoo hintaane tokkummaa ummata Oromo duuba isaanii jiru tiksuuf wareegamuun isaanii dhaloota har’aa fi egereef guca ifaa ta’ee jira,” kan jedhan hirmaattoti ayyaana kanaa dabalanii akka ibsanitti, “Oromoon kutaa kutaan hiramee ture har’a walitti makanii akka Oromootti beekamuun isaanii gatiin wareegamtootaa bu’aa buusaa akka jiru mirkaneessa,” jedhanii jiru.

Guyyaan gootota Oromoo yeroo ammaa kanatti kan kabajamaa jiru, wareegamni sun Tokkummaa Oromoof mallaattoo waan ta’eefi sabni Oromoo amma illee qabsoo haqaa finiinsaa  jiruun mirga isaa ifatti mul’isaa dhufuu mirkaneessuuf akka ta’es hubatamee jira.

Wareegama gootot a Oromootiin eenyummaan Oromoo “Oromummaan”   badii irraa bararuun isaa kaayyoo fi qabsoon sun hagam qabsoo haqaa akka ta’e illee deeggaruuf akka ta’es ibsamaa jira.

 

Ayyaanna Irreechaa Arfaasaa Tulluu Beekii Irratti kabajame!

Leave a comment

(Oromedia, Jimmaa, 5 Caamsaa 2012) Ayyaanni Irreechaa kan Arfaasaa Ebla 29, 2012 Godina Jimmaa, qarqara magaala Jimmaa,  Tulluu Beekii irratti yeroo 4ffaa dhaaf sirna oo’adhaan kabajame.

Gabaasaan keenya Jimmaa irraa akka ibsetti, ayyaana kana irratti namoonni gara 10,000(kuma kudhan) olii ta’an kan irratti argaman yoo ta’u, sirna kana qindeessuu irratti barattoonni Yunivaristii Jimmaa fi Koollejjii Barsiisota Jimmaa dadammaqiinsa guddaa taasisaniiru.

Namoonni Ayyaana kana irratti argaman barattoota dabalatee jiraattonni naannoo fi hojjattonni mootummmaa hedduun irratti hirmaatanii akka jirn illee beekamee jira.

Ayyaanni Irreechaa Arfaasaa sirna hoo’aadhaan  kabajame kun sirna Irreechaa kan Arfaasaa hanga ammaatti deebi’ee kabajamaa jiru keessaa haamilee uummataa fi baay’ina namoota hirmaataniin Oromiyaa keessatti kan jalqabaa akka ta’e illee kanneen ijaan argan tilmaamanii jiru.

Ayyaanni kun ganama sa’aatii 7:00(AM) jalqabee hanga 11:00(AM)tti kan kabajame yoo ta’u, sirna eebbaa angafaa-quxusuudhaan gaggeeffame dabalatee Waaqeffannaa ilaalchisee sagantaan walirraa baruutis gaggeeffameera.

Sirni akka sirnaa fi amantii Oromootti Faaruu Waaqaatiin kabajamaa oole kun, akkuma aadaa Oromootti sirboota aadaa Oromootiin dabaalamee  haala miidhagaadhan  xumuramuun illee hubatamee jira.

Haata’uutii, sirni akkas guddaa ta’e kun gurra ummataa akka hin geenyeef dhiibbaan karaa addaaddaa akka ture odeessi keenya ni mirkaneessa. “Ayyaana guddaa kana himuu kan lagatan, otuu kan saba warra aangoo qabuu ta’ee, waanuma xiqqoodhaan gurra nu duuchu ture. Garuu, kan Oromoo guddatus, miidhagus, akka sagaleen hin dhagayamne godhama,” kan jedhe Boonaa Milkii, “dhiibbaa fi roorroo kamuu qabsoon keessaa baana,” jedhee jira.

Itti dabaluunis, “sagaleen keenya akka ummata keenya bira gahuuf sabaa-himaawwan akka VOA fi kan birootti nuuf dhaama; yeroo fedhan namoota sirna kana qindeessan haasofsiisuun waan isaa beekuu fi beeksisuu danda’u,” jechuun dhaamsa isaa dabarfatee jira.

Akkuma beekamu sirni ayyaana Irreechaa kan kabajamu waggaatti yeroo lama; Birrraa fi Arfaasaa dha. Irreechi Birraa Oromiyaa fi biyya alaa iddoo baayyetti  sirritti babal’atee kabajamaa jira. Ayyaanni Irreechaa kan  Arfaasaas waggootii dhiyoo as iddoo tokko tokkotti deebi’ee kabajamuu jalqabeera.

Hawaasti Oromoo Guyyaa Gootota Oromoo kabajatan WBOf Gumaata Kennan

Leave a comment

(Oromedia, 29 Ebla 2012) Hawaasti Oromoo Australia Kibaa, magaalaa Adelaide keessa jiraatan  gaafa Ebla 22/04/2012 ayyaana guyyaa Gootota Oromoo sirna hoo’aadhaan jabatanii kabajatan; ABO fi WBO jabeessuufis gumaata maallaqaa gumaachan.

Ayyaanni kun eebba mangoodoo Oromootiin banamuun, itti fufuun faaruun alaabaa fi tokkumaan farfatamaniiru,itti dabaluunis gootowwan qaqqalii QBO Oromoof jecha wareegaman yaadatameera.

Oduun kun akka hubachiisutti, ayyaana kana irratti hawaasti Oromoo jechuunis, deggertoonni fi miseensotni ABO irratti qooda fudhachuun qabsoo Bilisummaa Oromoo gaaffii sabummaa Oromoo dhugoomsuuf finiinaa jiruuf deeggarsa qaban ibsanii jiru.

Kana malees, qabsoo Bilisummaa kana irratti gootota lubbuu isaanii qaalii aarsaa godhan yaadachuun akeekni isaani kufan akeeka dhugaa kana dhalootaan dhugoomaa adeemu ta’uu mirkaneessanii jiru.

Sirna ayyaana kanaa irratti miseensi Gumii Sabaa ABO fi gaafatamaan damee beeksissii fi odeessii Alaa ABO, Jaal Gaashuu Lammeessaa, haala qabsoon Bilisummaa Oromoo keessa darbe, yeroo ammaa keessatti argamuu fi egeree qabsoo Bilisummaa ilaalchisanii ibsa bal’aa godhanii jiru.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo kallacha ABOtiin gaggeeffamaa jiruun injifannooleen boonsaa galameeffamaa akka jiru kan ibsan Jaal Gaashuu, “qabsoon kun sadarkaa amma irra gahe dhaqqabuuf  bu’aa bahii olaanaa fi wareega guddaa baasee jira. Amma illee murnooti addaa dhaaba keenya balleessuuf duula bal’aa bananii jiran. Garuu, tasumaa itti hin milkaa’an,” jedhanii jiru.

“Qabsoon Bilisummaa Oromoo injifannoo galmeesse keessaa inni duraa dhaloota fedhii fi dantaa saba keenyaa kabachiisu kumaatamaan biqilfachaa jiraachuu dha,” kan jedhan Jaal Gaashuun, “har’as dhalooti keenya Qeerroon Bilisummaa saba keenyaa dhugoomsuuf of ijaaranii falmaatti jiru; Oromoonnis bifa addaddaan of ijaaranii eenyummaa isaanii tifkacha ajiraachuun bu’aa argamee dha,” jedhanii jiru.

Akkasuma jaal Umar haala qabsoo Oromoofi sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti bal’inaan erga ibsanii booda hawaasa sirna kana irratti argamaniif dokumentariin  kan waraana bilisummaa Oromoo dirree falmaa irraa fi sochiin Qeerroo agarsifameera.

Akkasuma uumata keessaa dhimma qabsoo irratti namni fedhe akka gaaffii gaafatuu karaa miseensa gumii sabaa ABO jaal Gaashuu lammeessa erga dhiyaate booda, namoonni haala qabsoo kana irratti gaaffii gaafataniif deebiin quubsaa kennamee jira.

Dhuma irratti hawaasto Oromoo Austraalia Kibbaa  QBO ABOn durfamu cina hiriiruuf waadaa hareefatanii jiru. Kana malees, gumaachaa dhaaba isaanii kan ABOn durfamuuf sochii WBOn gochaa jiruu fi sochii QEERROOn Oromoo gochaa jiru bira dhaabbachuuf gumaachaa maallaqaa gumaachaniiru. Maalaqi isaan gumaachan dolaara Austraali’a 2200 akka ta’e oduun kun dabalee addeessee jira.

Akkasumas, sochii qabsoo Bilisummaa Oromoof deeggarsa qaban ibsa ejjannoo baafatan keessatti mirkaneessanii jiru.

1.  Dhaaba keenyaa haga dhumaatti bira dhaabanna!

2.  warreen maqaa ABOn sagantaa polotiikaa ABO jijjiirre jedhanii nafxanyaa oromoo cabsee nyaachaa ture waliin hiriiran ni balaalefanna!

3. Tokkummaan oromoo humna waan ta’eef tokkummaan oromoo akka hin sharafamne eeguuf ni qabsoofna!

4.  Ayyaanalallattoota ni balaalefanna !

Wayyaaneen Ummata Gaaffii Mirgaa fi Amantii Gaafatan Ajjeefte; Diddaanis Itti Fufe.

Leave a comment

(Oromedia, 29 Ebla 2012)  Humnooti tikaa mootummaa wayyaanee jimaata darbe Arsii magaalaa Asaasaa keessatti hordoftoota amantii Islaamaa torba ajjeesuun isaanii dhagayame.

Akka Oduun karaa raadiyoo Bilaal jedhamu tamsaasame ibsutti, humnooti tikaa mootummaa Wayyaanee ummata salaataaf bahe irratti tarkaanfii fudhataniin sadii battaluma ajjeesanii, kaan immoo madoo godhanii jiru.

Akka oduun kun ibsutti, ummati salaata Jimaataaf bahe barnoota wayyaaneen maqaa ”ahbash” jedhuun qopheessite akka hin fudhanne waan ibsateef tarkaanfiin kun irratti fudhatame.

Kanneen ijaan argan akka ibsanitti, ummta karaa nagaa fedhii fi gaaffii isaanii ibsatan malee jeequmsa  kaasan hin qaban. Dhukaasa kanaan kanneen ajjeefaman keessaa tokko mucaa waggaa jahaa ta’uu oduun kun dabalee ibsee jira.

Haala kanaan kan walqabate, yeroo ammaa biyyattii keessatti sodaa fi dhiphuun dhalatee akak jiru ille eoduun biyya irraa bahu ni addeessa.

Haala hordoftoota amantii Islaamaa shororkeessaa jiru kana irratti Addi Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen mootummaan Wayyaanee amantii keessa galee ummata jeequu fi shororkeessuu akka dhaabu, kana ta’uu baannaan ”balaa boru dhimma amantiitiin wal qabatee biyyattii san keessatti babaláchuu deemuuf kan dhunfaadhaan itti gaafatamu sirnuma Wayyaanee mataa isaa tahuu gad jabeessinee yaadachiisuu feena,” jedhee jira ABOn.

”Amantiin kamuu akeeka siyaasaa kamiifuu dhimma bahamuu hin qabu; akkaumas siyaasaan kamuu amntii meeshaa godhachuu hin qabu akkuma jennuu mootummaan kamuu heera isaatti garmalee dhimma bahee amntii kamuu cunqursuun jiraatuu hin qabu,” jedhee jira   ABOn.

”Diddaa fi gaaffiin ummata Islaamaa irraa dhiyaataa jirus itti fufuunsa gaaffii mirgoota namoomaa, siyaasaa fi jireenyaa ti,” kan jedhe Addi Bilisummaa Oromoo,  ”gaaffii ummata karaa nagaa dhiyeeffate kanaaf deebii qajeeltuu kennuu hanqachuun kan balaaleffamuu qabuu dha,” jedhee jira.

Ummati amantii isaaf ta’u filachuuf mirga akka qabu kan yaadachiise ABOn, fedhii ummataan ala waantoti dhiibbaan kennaman badii malee toliinsa akka hin fidne  seenaa irraa barachuu kan hanqate Wayyaaneen tooftaadhaan ummata amantii Islaamaa hordofan addaan qoqooduuf shira tolfame ta’uu illee ABOn dabalee hubachiisee jira.

April_Ibsa_ABO_Ebla_28_2012

Dhimma kana irrattis jaarmayoonni qabsoo  Oromoo geggeessaniifi  sabboontonni  Oromoo bifa dammaqiinsa  qabuun hordofuuniifi tarkaanfilee malchiisu akka fudhatan ummati dhaamsa dbarsaa jira.

Mootummaan Wayyaanee keessayyuu, ummata Oromoo dadhabsiisuuf takkatuu qe’ee isaa irraa buqqisuu, yeroo kaan immoo ummata ollaa waliin walitti buusuun akkasumas dhimma amantiin dahachuun ummata jeequutti jirti.

Xiinxalaan Siyaasaa Jawaar Mahaammad yaada dhimma kana irratti maxxanseen akka ibsetti, jaarmiyaaleen siyaasaa fi waldaaleen hawaasaa marti ” Mirga ummannii keenya amantii fedhetti amanuuf qabu kabachiisuuf, ummata keenya jeequmsaa hamaarraa baraaruuf, nagaya biyya teenyaa eegsisuuf, karoora qabsoo teenya sakaaluuf godhamtu tanarraa aanuuf tokkummdhaan sirna wayyaanee dura dhaabbachuu barbaachisa dha,” jedhee jira.

Roorroo Wayyaaneen ummata Islaamaatirratti godhaa jirtuuf hirmaannaa Qabsoo Oromootirraa eeggamtu

Akka xiinxala jawaaritti, Mallasaan yeroo ammaa hordoftoota Islaama airratti duula kana bane, tokko warra Dhiyaa irraa nama shororkeessaa balleessuuf dhaabbatu of fakkeessee ittiin doolaara kadhatuuf yoo ta’u, gama biraan immoo, jaarmiyoota mantii dhuunfachuuf akka ta’e hubatamee jira.

Keessattuu, Oromiyaa keessatti dhimmi kun kan xiyyeeffate diddaa fi fincila ummataa sababa kanaan dhaamsuu fi duula guddaa ummata irratti banuuf akka ta’u ibsamaa jira.

Guyyaan Gootota Oromoo sadarkaa olaanaan kabajame.

Leave a comment

(Oromedia, 22 Ebla 2012) Guyyaan Gootota Oromoo bara kana sadarkaa guddaatti eenyummaa  ummata Oromoo calaqqisuun akka kabajame odeessi biyyoota addadda irraa argame hubachiise.

Oduun biyyoota addunyaa addaddaa keessaa bahaa jiru akka ibsutti sabboontoti Oromoo bara kana keessa Guyyaan Gootota Oromoo kan kabajatan gootota Oromoo qabsoo Bilisummaa irratti wareegaman yaadachuun callaa miti.

Akka odeessi kun mul’isutti, sabboontoti Oromoo Guyyaa Gootota Oromoo kan kabajatan dhimmi qabsoo bilisummaa Oromoo dhimma guddaa fi haqaa ta’uu mirkaneessuun sadarkaan guddina  Oromummaa illee hedduu dagaagaa akka jiru gamtaan agarsiisanii jiru.

Seenaa Guyyaa Gootota Oromoo

Ebli 15  Guyyaa Gootota Oromooti; guyyaa kana gootota keenya mirga saba keenyaaf kufan mara itti yaadanna; gootota keenya yaadachuufi faarfachuun duubas seenaa guyyaa kanaa dhaloota keenyatti himuunis jaatanii keenya birooti. Dhalooti keenya har’aa kan bara baraan walgahanii guyyaa goototaa kabajachaa jiran, kana malees, dirqama lammummaa baafachuuf waan goototi isaanii dalaganii darban beekuun gahee isaanii bahachuuf guyyaa itti of qopheessaniidha. Guyyaa gootota keenyaa kanas daandii goototi keenya kaleessa baasan qabannee deemaa akka jiru mirkaneeffachuufi irbuu keenya illee achumaan haaronfachuuf yeroo itti walgeenyuudha.

Guyyaan Gootota Oromoo dhaaba keenya ABO keessatti ayyaaneffatamuu erga eegalee seenaa waggoota 30 itti dhiyaatee jiru qaba. Seenaa ABO keessaa akka hubannutti, guyyoota waggaa tokko keessa jiran keessaa Ebli 15, Guyyaa Gootota Oromoo jedhamee waan moggaafameefi waan ayyaanefatamuu eegaleef qaba.

Ebla 15, bara 1980 keessa guyyaa hogganoonni ABO, Dura Taa’aa fi I/Aanaa dabalatee osoo dirqama QBOf amna irra jiranii itti wareegamanii dha. Gootota hogganootni ABO wareegamuu duwwaa osoo hin taane dhiiga isaaniitiin tokkummaa ummata Oromoof xurree taraaranii kan kufan guyyaa kana ture. Ilmaan Oromoo hedduunis xurree goototi keenya saaqan irra bu’udhaan bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf wareegama hedduu kaffalan; har’a illee dhalootni haaraan galfata gootota keenyaa bakkaan gahuu irratti wareegamaa jiru. Ebli 15, kanaaf, Guyyaa Gootota Oromoo ilmaan Oromoo kaleessaafi dheengadda, har’as dabalatee bilisummaa saba isaaniif jecha falmaa diinaa irratti lubbuu isaanii kan jijjiirraa hin qabne itti wareegan kan ittiin yaadannu dha.

Mallattoo Seenaa Gootummaa Oromoo

Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuuf wareegama baasuu eegale. Bilisummaa isaaf  jecha ummatni Oromoo har’a illee wareegama qaalii baasaa jira. Har’a illee goototi keenya guyyuu diina kuffisaa kufaa jiru. Wareegama baasuun keenya osoo hin dhumatin maaliif guyyaa goototaa jennee Ebla 15 kabajanna yaadi jedhu yoo isinitti bule, deebiin jiru seenaa Eblaa beekuu keessaa argama. Seenaan Eblaa seenaa gootummaa saba Oromoo waliin walitti hidhata.

Dhugaadha, Addi Bilisummaa Oromoo Ebli 15 Guyyaa GoototaOromoo akka ta’uuf sababa itti murteesse qaba. Bara 1978 walakkeessa   irraa kaasee haga dhuma 1979tti ABO haala akkan rakkisaa keessa ture. Yeroon kun yeroo lolli Somaliyaa fi Itophiyaa dhumatee, waraanni Ziyaad Barree arihamee bahee, mootummaan Dargii humna ABO ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf  duula wal irraa hin citne itti bobbaase ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola cicimaatti seene. Qunnamtiin isaa addaan citee ni faca’aa yaaddoon jedhu illee guddaa ture. Qabsoon haqaa yoomuu waan injifatuuf jagnootiin WBO duula Dargii of irraa qolatanii Amajjii 1, 1980 walitti dhufanii ayyaana guddaa ayyaaneffatan.

Injifannoo karaa waraanaan argames karaa jaarmayaan itti fufuuf hogganooti ABO Arsii, Baalee fi Harargee keessa jiran baatii Bitootessa keessa walitti dhufan. Hogganooti ABO biyya alaa turanis mootummaa Somaliyaa irratti hojjachuun waajjirri ABO akka Moqaadishootti banamu bara 1980 keessa godhanii turan. Haala mijjataa kanatti dhimma bahamee hogganooti biyya keessaa fi ala jiran qaamaan wal arganii dhimmaa jaarmayaa dhaaba irratti murtii irra gahuun akka barbaachisu hubatame. Akka kanatti hogganoota yeroos dirree turan keessaa jilli tokko kan Dura Taa’aa fi I/A/Dura Taa’aan keessatti argaman akka Moqaadishoo deeman murtaawe. Akka kanatti jaallan namni kudhan: Jaal Barisoo Wabee (Magarsaa Barii), Jaal Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee), Jaal  Abbaa Xiiqii  (Abboomaa Mitikku), Jaal Doorii Barii (Yigazu Banti), Jaal Falmataa /Umar/Caccabsaa, Jaal Faafam Dooyyoo, Jaal Irraanaa Qacalee (Obbo Dhinsaa), Jaal Dhadachaa Boroo, Jaal Daddacha Muldhataa, Jaal Marii Galaan  gara Somaliyaatti socho’an.

Jaallan kunneen amna isaanii itti fufuudhaan gammojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamu yeroo gahan, haalli isaan hin eegne isaan mudate. Bakka kana humni waraana Somaliyaa irraa hafee biyya saamuu fi jeequ shiftaatu ture. Jaallan kun osoo hin beekin harka waraana shiftaa bu’an. Waraanni Somaalii kun jibba guddaa ABO fi ummata Oromoo irraa waan qabuuf jaallan keenya guddaa hiraarse. Uffata irraa baafatee paantii duwwatti hambise. Harka duubatti hidhee reebee miidhaa guddaa irraan gahe. Osoo isin hin ajjeesin warri Kiristaanaa taatan gam tokkotti, warri Islamaa taatan gama biraatti bahaa jedhaniin. Jaallan hogganoota dhaabaa garuu, “Nuti Oromoo, amantiifi gosaan adda hinbaanu!” jedhanii didan. Shiftooti Soomaalii jaallan hogganoota keenya Ebla 15, 1980tti rashananii boolla tokkotti awwaalan. Tokkummaan ummata Oromoo amantiifi gosaan kan adda hinbaane tahuus dhiiga isaaniin mirkaneessan. ABO sababa kana irraa ka’uu dhaan Elba 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhee moggaasee. Yeroo sanii eegalee, guyyaan kun haga har’aatti kabajamaa jira.

Guyyaan kun, adda durummaan jaallan guyyaa kanatti qabsoo bilisummaa Oromoof osoo amna irra jiranii wareegama qaalii baasan yaadachuuf kabajama. Murtiin kun yeroo darbe irraa eegalee, wagga waggaan miseensoti, deggertooti, ABO fi ummatni Oromoo biyya keessaa fi alatti kaayyoo goototi keenya irratti kufan yaadachuuf, waadaa isaanii haaromsuuf wal gahu.  Guyyaan kun, kana malees, qabsaawota Oromoo humna weerartuu osoo falmanii dirreetti, baddaatti, gammoojjiitti, magaalaa fi baadiyyaa keessatti wareegaman mara kan itti yaadannu, Ayyaana Gootota Oromoo ta’ee jira. Jagnootiin barattootaa fi dargaggooti Oromoo diina hudhanii qabuun lubbuu isaanii geeddaraa hin qabne wareegaa jiranis, Guyyaa kana yaadatamuun mallattoo gootummaa sabaaa ta’uun leellisamu. Kanaaf, Ebli 15, Guyyaa goototi keenya otoo bilisummaaf qabsoo godhanii wareegamanii fi wareegamaa jiran kan itti yaadataman, dinqisiifamanii fi dhaadhessaman, mallattoo gootummaa Oromoo ta’ee jira. Goototi ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha baatii adda addaa keessa, guyyaa adda addatti kufan martis Ebla 15 gamtaan kabajam.

Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo

Har’a ayyaana guyyaa gootota Oromoo yeroo yaadannu, seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo isa bara fagoofi dhiyoo illee waliin yaadachuufi walyaadachiisuun dirqama keenya ta’a. Ummatni Oromoo erga waanjoo gabrummaa jallatti kufee eegalee, bittaa diinaa tole jedhee hinfudhanne. Bifa hinqindoofneen iyyuu haa ta’u malee, ummatni Oromoo yeroo adda addaatti bifa fi haala adda addaan qabsaawaa tureera.

Bara 1928 fi 1948, fakkeenyaaf, ummatni Oromoo Raayyaa fi Aseeboo hacuuccaa mootummaa Haayilesillaaseen murmuun lola godhaniin loltuu sirnichaa injifachuun naannoo isaanii bilisoomfatanii turan. Booda garuu, Haayilesillaaseen, gargaarsa humna qilleensaa Ingilizii, yeroo san Eden keessa turetti gargaaramee humna isaanii cabsuun lafa bilisoomee ture guutummaatti deebisee gabroonfate.

Bara 1936 Oromoon Oromiyaa Lixaa, wal-ta’anii konfedereshana ijaarrachuun mootummaa Habashaa jalaa walaba ta’anii jiraachuuf, karaa mootummaa Ingilizii waldaa mootummoota addunyaatti iyyannoo galfatanii turan. Bara 1941-42 Oromoonni naannoo Oromiyaa gidduu, fi Oromiyaa Bahaa gabrummaa Habashaa jalaa walaba ta’anii jiraachuuf iyyata mootummaa Ingilizii bara sana biyyattii bulchuuf aangoo qabutti iyyatanii turan.

Bara 1946 Oromoonni naannoo Carcar, Dirree Waleensuu bakka jedhamutti lola waraana Hayilasillaasee irratti bananiin nafxanyoota hedduu fixanii waggaa lamaaf bilisummaan jiraatan. Waggaa lama booda, waraanni Habashaa meeshaa baraatiin loluun humna ummata kanaa cabse. Hoogganoota waraana yeroo sanaa kan har’a galmeen seenaa faarsaa jiru, keessaa kan akka Mummad Jiloo fi Mummaad Jawwee fakkeenya ta’uu danda’u. Bara 1963, ummanni Oromo Oromiyaa kibba lixaa mootummaa Haayilessillaasee irratti fincilanii, lola godhaniin, yeroo muraasaaf ummata naannoo sanaa mootummaa Habashaa jalaa bilisoomsanii turan. Humna kana rukutuuf humni Ingilizii, Isiraa’el fi humni qilleensaa Ameerikaa badii guddaa ummata Oromoo irraan gahee ture.

Barri 1964, bara Waldaan Maccaa fi Tuulamaa itti dhalate ture. Waldaan kun waldaa misoomaa fi wal-gargaarsaa Oromoo haa jedhamu malee, ummanni Oromoo eenyummaa isaa akka baruu fi eeggatu gochuun, qabsoon wal-harcaasaan bakka bakkaa akka wal-qabatu fi ummata kutaa adda addaa walitti fiduun gaafiin bilisummaa Oromoo bifa qindaawaan akka geggeeffamu gochuuf guddaa gargaare. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa waggaa lama keessatti miseensota miliyoona lamaa oli horatee ture. Sababa kanaan, mootummaa yeroo sanaatiin, Waldaan kun bara 1967tti, akka hin sossoone seeraan dhorkamee, hooggantooti isaa 19 immoo hidhaman. Isaan keessaa 4 mana hidhaa turanii bara 1975 mootummaa fashisittii Dargiin ajjeefaman.

Bara 1963/4 Waldaa “Afran Qalloo” jedhamutu Oromiyaa Bahaa, Dirree Dawaatti dhalate, Akeekni waldaa kanaa Afaan fi Aadaa Oromoo kan qarqara badiisaa gahe tiksuu fi dhaloota dhufutti dabarsuu ture. Kana irratti dabalee, Ummatni Oromoo, keessattuu dardarrii fi shamarran karaa wallistootaa akka wal-baran gargaaree ture. Waldaan kun, waldaa Maccaa fi Tuulamaa waliinis quba wal-qaba ture.

Diddaa fi falmaa dheeraa ummati Oromoo gaggeessaa ture kunneen keessaa kan dhalate, ABOs bara 1970moota keessaa eegalee qabsoo siyaasaa fi hidhannoo finiinsuutti argama.

Hawaasti Oromoo New Zealand Goyyaa Gootota Oromoo Kabajatan!

1 Comment

(Oromedia, 20 Ebla 2012) Guyyaan Gootota Oromoo, EBli 15,  biyya New Zealand, magaalaa Wellington keessatti qooda fudhannaa guddaa fi sirna hoodhaan kabajame.

Maddi Oduu ABO biyya New Zealand magaalaa Wellington keessaa akka gabaasetti, ayyaanni Guyyaa Gotota Oromoo kun akkuma aadeffametti Faaruu Alaabaa Adda Bilisummaa Oromootiin eegalamee, jaallan qabsoo saba akeessatti kufaniifis yaadannoo yaadaa fi qalbii (sammuu) godhamee jira.

Ayyaana guyyaa Gootota Oromoo kana haasaadhaan kan banan dura taa’aa Konyaa, J/Kabbadaa Jeetoo dhaamsa dabarsan keessatti ummatni Oromoo Gabrummaa jibbuudhaan Qabsoo hadhooftuu Bilisummaa saba isaatiif gochaa akkuma turetti amma illee akka itti jiru yaadachiisuun, qabsoo hadhooftuu kana keessatti kanneen wareegaman yaadachuun aknneen amma illee qabsootti jiran akka jajjabeessuu fi qabsoon Oromoos qabsoo haqaa kumaatama hordofsiisaa jiru ta’uu akka mirkaneessu eeran.

Qabsoo diddaa fi falmaa garbummaa keessatti Gootota Oromoo hedduun itti wareegamaa jiraachuun kan ibsan immoo J/Lalisaa Kumalaa, dura taa’aa ABO kutaa New Zealand ee , immoo “wareegama qaqqaalii kaffalame kana seenaan Oromoo bara-baraan ni yaadata.” jedhanii jiru.

“Dhaabni keenya ABOn wareegama ulfaataa sana hundee godhachuu-dhaan bara 1980moota gara duraa keessa Ebli 15 Waggaa-waggaan, guyyaa goototaa ta’ee akka kabajamu murteesse,” kan jedhan J/Lalisaan,  yeroo sanii eegalee guyyaan kun miseensotaa fi hawaasa Oromoo biratti sirna hoo’aadhaan akka yaadatamuu ykn kabajamee oolu taasisamaa jiraachuu hubachiisan.

“Guyyaa kanattis,jaallan keenya Qabsoo bilisummaaf kufan oggaa yaadannu, gama biraatiin ammoo guyyaa nuti wareegama isaaniitti Firii gochuuf waadaa seenne itti haaromsinu taha,” kan jedhan miseensoti ABO ayyaana kana irratti hirmaatan, “akkuma kanaan duraatti gara fuulduraattis  nuti miseensotiin ABO fi hawaasni Oromoo biyya New Zealand keessa jiraannu bakka tokkotti walitti dhufnee ayyaana keenya kabajachuu fi qabsoo keenya jajjabeessuu itti fifna,”jedhanii jiru.

Guyyaa Gootota Oromoo kana irratti MGS fi Gaafatamaan BBA-ABO J/Gaashuu Lammeessaa ibsa bal’aa kan kennan yoo ta’u, ibsa isaanii keessatti qabsoon bilisummaa Oromoo diina keessaa fi alaa karaa hundaan ofirraa ittisaa gara galii isaatti tarkaanfataa akka jiru ibsanii, yeroo amma kanattis qabsoon roga hundaan jechuun karaa diddaa Qeerroo, diddaa ummataa fi qabsoo hidhannoo jabaatee itti fufaa akka jiru himanii jiru.

Keessayyuu, diddaan karaa Qeerroo biyya keessatti finiinaa jiru hundee mootummaa Wayyaanee raasaa akka jiru kan ibsan J/Gaashuun qabsoon dhalooti haaraa biyya keessatti of-ijaaranii hundee diinaa buqqisuuf godhamaa jiru itti fufa qabsoo diddaa garbummaa fi mallattoo walfurrinsa qabsoo Bilisummaa ta’uu illee addeessanii jiru.

“Qabsoon dhaloota haaraa of jalaa qabu, qabsoo haqaa fi fulla’aa dha,” kan jedhan J/Gaashuun,  ”ABOn akkuma qabsoo bilisummaa abbootii keenya kutatoo fi jajjaboo irraa dhaalee finiinsaa jirutti lachiisee akka galii isaa gahu taasisuuf karaa hundaan irratti hojjataa  jira,” jedhan.

Ayyaana Guyyaa Gootota Oromoo kana irratti haala Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti argamu ibsi erga kennamee booda marii fi gaaffii fi deebii godhame keessatti  ibsi bal’aa kennamee jira.

Kana malees, haala sochii WBO kan ibsu vidiyoon hirmaattotaaf  agarsiisamee jira.

Sirna kana irratti kan argaman, miseensotiinii fi hawaasti Oromoo biyya Nwe Zealand keessa jiraatan sochii jaarmiyaa fi tarkaanfii WBOtti hedduu gammaduu isaanii ibsanii,  ABO jabeessuufis Gumaacha Maallaqaa godhanii akka jiran oduun nu gahe ni hubachiisa.

Tribal wives of Affar, BBC documentary; Affar-Oromo relationship

Leave a comment

Tribal wives of Affar, BBC documentary; Affar-Oromo relationship

Seenaa Ob Taayyee T. Guumaa

Leave a comment

(Oromedia, 10 Ebla 2012)  Ob Taayyee T Guumaa har’a lubbuun hin jiran; garuu seenaa fi fakkenyummaan isaan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti dhiisanii darban  faandhahii qabsoo Bilisummaa Oromoo ta’uun bara baraan yaadatamaa jira.

Seenaa gabaabaa obbo Taayyee Tafarraa Guumaa

Obbo Taayyee Tafarraa, abbaa isaa Obbo Tafarraa Guumaa fi harmee isaa adde Caaltuu Birru irraa, Onkoloolessa 15, bara 1948  koonyaa Waajetii Suphee, aanaa Gimbii, Oromiyaa lixaa keessati dhalatee. Obbo Taayyeen Tafarraa Obbolaa afur qabu. Isaaniis: obbo Biraasaa Tafarraa, obbo Gizaawu Taasisaa, adde Tsahaayi Taasisaa fi addee Zawudituu Taasisaa ti.

Mana barnootaa kutaa duraa, Harrojjii Hagamsaatti jalqabee, Aqaaqii Advetist Missionitti, bara 1964 tti raawwate. Barnoota isaa kutaa ol’aanaas, Aqaaqiidhaa fi  Kuyyeeraa Advetist Seveth day Mission High School ti raawatee,  bara 1968 eebifame.

Mana barnoota kutaa ol’aanaa erga raawwatee booda, obbo Taayyeen ministeera community development keessaat social worker  ta’e  hojjetaa ture. Akkasumaas Hospitaala Zawudituu, John Hanson fi Coesfeld pharmaceautical company  keessa hojjeteera. Hojiidhuma issa kana waliin mana barnoota galgalaa Haile Selasse University seenudhaan bara1970 diploma social work tiin ebifame.

Obbo Taayyeen yeroodhuma mana barnoota ol’aanaa ture sana cunqursaa mootummaan abisiniyaa Ummata Oromorraan ga’aa jirurratti dammaquudhaan bara 1968 dhaba Maccaa fi Tuulamaa keessatti miseensa ta’e. Yeroodhuma sanas sochii barattoota Haile Selassee university baalallee (leaflets) mormii sirna abba lafaa fi imperial monarchy maxxansuu fi facaasuu irratti gargaaraa ture. Kunis kufaatii Haile Selasetii fi dhidhima sirnasaatiif  kan qooda buusan keessaa tokko. Qabsoonsaa kunis akka inni basaastota (security)habashaatiin qabamee akka hidhamu isa godheera.

Bara 1971 akkuma mana hidhaatii baheen biyyaa baqatee guyyaa saddet milaan deemee Sudaaniin erga ga’ee booda  hanga bara 1972 akka baqataatti achi jiraate. Yeroodhuma kana keessa university Khartoumiin seenee ture. Bara 1972 Pan African Movement university Khartoumitti miseensa ta’e. Akkuma kanaan duraa qabsaawaa ta’uun isaa mootummaa Sudaani itti kaase. Haalli kun waan hammachaa adeemeef Sudaaniin dhiisee kooluu gafachuuf gara Bulgaria deeme.

Dirree Xiyyaraa magaalaa Sofia hugguu inni ga’u securitiin meeshaa isaa barruqaba(document) hunda waliin irra fudhatanii, mootummaan Bulgaria fira mootummaa Ethiopia kanta’ee kooluu galchuu didee karaa Kairo dirqiin(deport) Sudanitti deebiseen. Sudaaniniis gara Kairoti deebise, mootumaan Egypt ammoo halkanuuma sana gara Syriatti darbateen.Mootummaan Syrias gara Sweden (Stockolmitti) dabarseen achiis gara Berlin Bahatti ergame.  Borumtasa halkaniin Barlin lixxaa buusan. Namni gara Diakonie Morgenlandische Missioniitti geesseenii achiitti baka bultiif waan nyaataa argachuudhaf mana qulquleesaa ture. Yeruma kana keessa kooluu gaafatee bara 1973 akka baqataatti fudhatame.

Afaan Germanii erga baratee booda bara 1973-1974 Krone and Albrecht KG keessa  hojjete. Bara 1975 American university of Maryland Berlin keessatti criminology barate.Baruma sanaa keessa aadde Atster Gammadaa wajjin wal fuudhan. Abbaa manaaf haadha manaa hedduu wal jaalatan irra darbee qabsoo Oromoo kan bilisummaa keessatti garee jabaa ta’an. Wali wajjiniis intala durbaa Waajetii dhaafii ilma isaanii Abbichuu godhatan.

Obbo Taayyeen baqataa ta’ee Berliniin guyyaa seenee jalqabee utuu of hin qusatin walqixxummaa, haqa dhala namaa fi mirga sabasaatiif (Oromoof) hojjetaa ture. Waan kanasbakkaan  gahudhaaf kutanoodhan jireenya isaa kenne.

Obbo Taayyeen karaa namoota beekuu fi firoota isaa warra mediyaa,  ijaarsolii(Partiilee)) politika  keessa jiranii fi political activistii biyya German keessumaayyuu warra MagaalaaBerlin jiraniin waa’ee qabsoo bilisummaa Oromoo akka addunyaan beektu warra taasisan keessaa tokko ture.  Waldootii amantii fi garee politikaa wajjin hojjechuudhaan haalli baqataa Oromoo akka hubannoo argatu tasiise.

Bara 1974-1976 Obbo Taayyeen hammina mootummaa abbaa irree dergii Ethiopia saaxil baasuudhaaf sochii barattoota Ethiopia waliin hojjechaa ture. Bara 1977 keessa warra Tokkummaa Barattoota Oromoo Awurooppaa(TBOA) dhaaban keessaa obbo Taayyeen tokko ture. Akka miseensa TBOAttis adda bilissummaa Oromoo kan mootuumma dargii lolaa ture, deggeeraa fi waliin hojjechaa turan. Kana malees ammoo yeroo jalqabaatiif warra pan African movement dhaaban keessa ture.

 Bara 1978 obbo Taayyeen namoota akka aadde Briggitte, Axel Klapoth, Dr. Thomas Zittelmann fi frotasaa Germaniif Oromoo ta’an waliin “Oromo Human rights organization” dhaban. Bara 1979 waldaan gargaarsa Oromoo (ORA) Khartoum/Sudaan keessatti yeroo dhaabate deggeeraas waliin hojjechaas ture.

Baruma kana keessaas hiriira  adda addaa qindeesuudhan namoonii Oromoo mana hidhaa keessa turan warra akka Qees Guddinaa Tumsaa, aadde Tsehaayi Tolasaa fi Naimat Iisaa akka hiikaman gaafacha turan. Maraa hedduu guyyaa ayyana waldaa kristaanaa Germanii irratti namoota argamanirraa malateessa kumaan lakkaawamu funaananii waajjira Mangistuu fi Embasy adda addaatti erguudhaan namoonni hidhaa jiran akka hiikamaniif gaafachaa turan.

Obbo Taayyeen namoota haccuuccaa mootuummaa Ethiopia fi biyyoota kara baha Awurooppaa jala baqatan gargaaraa ture. Hojiisaa kana irraan kan ka’e  mootummaa Ethiopia irratti, sodaa guddaa waan uumeef, bitootessa 21 bara 1982  obbo Taayyee fi  Rev. Dr. Gunnar Hasselblatt, nama mirga saba Oromoof keessumaayyuu baqattootaaf  falmaa, warra haqa dhala namaa irra ejjetan dura dhaabacha ture,   ajjeesuuf motuummaan sun bliqistoota (assassination commando)  magaalaa Berliniitti itti erge.

Bilqisitooti kun kara Berlin bahaa seenanii baka awutobusiin dhaabatu, mana obbo Taayyeefaa bira shugguxii sagalee hin qabne hidhatanii eegan. Battala sanatti obbo Taayyee, warra manaa isaa fi ijoollee isaa lamaan ta’anii hugguu dhufan, bilqisituun isatti dhukaasuuf ajajamee ofiis abba ijoolee waan ta’eef, ijoollee obbo Taayyee argee yaada jijjirrate.Borumtaasaas embassiin Ethiopia gara Berliner Missionswerk lafa waajjiri obbo Taayyee jirutti boombii erguudhaan ajjeesisuu murteese.  Bilqisitoot lamaan bombiisaanii hotela Damus jedhamu keessati qophefatanii adeemuuf uggaa jedhan bombiin harka lafa dhoftee dhuka’uudhaan isa tokko ajjeeste. Inni lammaffaan guddoo madaa’ee ijji jaamee, naafatee lubbun kan hafee bara 1992 televisionii Ethiopia irratti ergama(mission) isaanii sana guutumaatti himee ture.

Kunis kan agarsiisuu Berlner Missionswerk fi Barreessaan isa kan gaafaa Afrika Dr. Hasselblatt, mootummaa dargiitiin hammam akka sodaatamaa fi jibbamaa tureedha.

Bara 1984 obbo Taayyeen geggessitoota TBOA warra akka Makuriyaa Bulchaa, Aster Gammadaa, Tasfaayee Alamuu, Fissahaa Gannatii fi Kuulanii Guddinaa waliin ayyaana waggaa kurnaaffa TBOA Qopheesan. Baruma sana warra Somalia, Sudan fi Ethiopia keessatti beelaan gaaga’amaniif horii buusii (DM 34.000) walti qabanii ORAf ergan.

Akkasumas obbo Taayyeen tajaajila(service) Baqattootaaf hedduu barbaachisaa ta’an kennuudhaaf Nomoota akka Dr. Gunnar Hasselblatt, Mr. Peter Niggli, Mr. Manfred Voegele, Mr. Fredrich Grün, Frau Fraucke Hoyer, Mr. Tom fi Ms. Ritta Venste, Rev. Gerd Decke, Dr. Rheinhard Kees fi Ms. John (itti gaafatamtuu waayee nama alagaa waliin hojjechaa ture. Warra African council Berlin keessatti ijaaran keessa tokko ta’uudhan obbo Taayyeen namoota alaa(migrants)  magaalaa Berlin jiran giddutti waldhagetti uumuudhaaf koree migrants(Migrationsrat), koree baqattootaa(Flüchtlingsrat) waliin hojjecha ture. Ijaarsaa barattootaa Technische Universität, Freie Universität fi akka miseensaattis wara  Socialdemocratic party(SPD) waliin hojjecha ture. Warra isa gargaaranii fi jajjabesanii hojiisaa kan akka inni fiixaan baasuu  taasisan yeeroo hundumaa galata galchaaf ture.

Bara 1984/1985 TBOAn dhaba Caayaa ABO waan ta’eef obbo Taayyeen Oromoota hundumaa waliin hariiroo cimaadhaan hojjetee qabsoo saba Oromoo akka jabaatu tatafachaa ture. Akka miseensa Adda Bilisumma Oromoottis sagalee bilisumma Oromoo(SBO) hojii isa erga jalqabe kaasee achi keessaa hojjechaa ture.

Gargaarsa mootummaa Magaalaa Berlin(Senate) fi Berliner Missionswerkiitiin Oromoo Horn of Afrika center Berlin keesaat dhaabe. Waltajjiin kunis wagga 20 oliif bakka itti baqattootni da’oo fi gorsa argatan ta’e. Bara 1989 mana bunaa Olyaanaa Oromo Cafe jedhamu  Ali Ahmed ( Ali Olyaanaa  ) irra fudhee baka namoonii biyyaa adda addaa itti wal argan gegeessaa tureera.

Bara 1990 yeroo jibbi nama alaa irratti bayyachaa adeeme, obbo Taayyeen racismii fi miidhaan mormuudhaaf murteefate. Bara 1995 kaasee, Ijoollee xixiqqoo mana barnootaa jiran, irra deemee sababa namootni biyyaa baqatanii as galaniif, jibbaa fi miidhaa isaan irra gahu barsiisaa turee. Bara 1998  jalqabee, mana barnoota police keessati kana irrati hojjetaa ture.

Hojii guddaa inni hojjetaa ture keesaa tokko, jibba  gosumaa warra adeemsisan dura dhaabachuu turee. Garee kubbaa milaa fi warra taxi oofan waliin hojechuudhaan, isaanif namoota alaa gidduti wal’dhageetiin akka argamu carraaqaa ture.

Bara 2004/5 miseensa koree   gegesituu Migration Kommittee fi miseensa koree Afrika ture. Obbo Taayyee Tafarraa, nama nandadhabe osoo hinjedhin, halkanii fi guyyaa hojjetuudha. Waan fuulleeffatetti humna isaa qusatee hinbeeku.

Dhuma Guraandhal 2008 dhukkubsatee  dadhabbiin itti dhagahamuutti  kahe. Bitootessa (March) 10, hospitaala seenee   yaalii guddaa warri haakimaa  godhaniif. Dhukkubnisaa waan itti cimeef obbo Taayyee Tafarraa Ebla 04, 2008 addunyaa kanarraa du’aan boqote.

Obbo Taayyee Tafarraa jireenya  qabsaawaa waggaa  40 irra diriiruun jiratee, namoota kumaatamaan lakkaawamaniif jijjiirama hedduu fideera. Namoota isa waliin hojjetaniifis humna ta’uudhaan dhaloota dhufuufis fakeenya  gaarii dhiisee darbe. Akkuma jedhamu qabsaawaan ni darba qabsoon itti fufa.

Sirna awwaalcha obbo Taayyee Tafarraa biyya Jarmanii magaalaa Barlinitti Ebla 12, 2008, bakka maatiin isaa firoottansaa, hiriyonni fi ummatni dhibba heddutti laakkaawaman argamanitti raawwate.

Older Entries